Dhimma Arrifachiisa

Oromiyaa fi Siyaasa

Dhugaa Jiru!

Siyaasi naannoo keenyaa dhibamaa ture. Amma dhibee san fayyisuuf hojjatamaa jira. Mootummaan Oromiyaa hidhamaa siyaasaa danuu hidhaa irraa baasuun ni beekama.

Namoota muraasa miidhaa qaamaa cimaa fi ajjeechaa lubbuutin himataman callaatu hafe. Namoota akka obbo Siidaa Taliilaa hin waakkanne.

Jaras hidhuuf fedhiin hin jiru. Dubbii isaanii duuba miidhamaan dhuunfaa waan jiruuf booda akka rakkoon biraa hin dhalanne sodaatameeti.

Dhugaan kun qaata himame. Raadiyoon BBCs kana narraa odeeffateera.

Dhimma jaraa fixuufis abbooti Gadaa fi jaarsoti sochii jalqabaniiru. Garuu nami filatee dhaggeeffata.

Arrabsoof haala mijeeffatuufi. Ijji namoota garii waan bade malee waan tole hin agartu. Cabsituun farda namaatin “Ushee” jetti.

Nama otoo dhagayuu rafu maaltu dammaqsa? Hoomtuu! Haga humnaa fi beekumsa keenyaa gadadoo fi roorroo ummata keenya irraa hambisuuf hojjataa jirra.

Faaruu namaa barbaannee miti. Namuu faarsee nu hin dubbachiisu.

Abaarees afaan nu hin qabachiisu.

Akkuma pirezedanti Lammaan jedhan odeessu fi hojjatuun walirraa fagoo dha. Maqaa ummataatiin nagaduu fi qabatamaatti rakkoo ummataaf dhukkubsatuunis akkanuma. Muuxannoon waan baayyee nu barsiise. Nama sobee imimmaan harcaasaa booyu agarree beekna. Imimmaan naachaa!

Maraafuu dhugaan ani beeku kana.

Namoota muraasa himata ajjeechaa qabanii ala nami siyaasaaf hidhame Oromiyaa keessa hin jiru. Nama yakka raawwate ammoo borus hidhuun hin oolu.

Bitaa mirga laaluu barbaachisa. Hidhamaa mararfatanii miidhamaa dagatuun hin ta’u. Kan hidhame obboleessa ykn ilma keenya ta’uu danda’a.

Firoomi waan jiraati. Garuu kan ajjeefame, kan saamame, kan qaama dhabee fi kan qabeenyi jalaa gubates fira qaba.

Ofitti qabanii laaluu barbaachisa. Miidhamaan otoo fira keenya ta’ee akkam jenna? Akka mootummaatti bitaa mirga madaalanii murteessuun dirqama.

Ajjeechaa, saamicha, reebichaa fi jeequmsa seeressuun hin ta’u.

Namuu mirga isaa gaafatuu danda’a. Kun jala haa sararamu.

Garuu seera fi nagaya eeguun dirqama. Yoo seerri cabee nageenyi booraye rakkoon kan hundaati. Jeequmsa keessa mirgi kabajamuu hin danda’u.

Elaa fi ilaameen deemutu nu baasa. Santu siyaasa keenya sirreessee bilisummaa fi qananii keenya dhugoomsa.

Wal moogsuu dhiifnee dhugaa walitti yaa himnu. Warri keenya dhugaa dubbatanii bakka aduun dhiite buluu wayya kan jedhan taphaaf miti.

Dhugaan akka rakkoo hiiku hubataniiti!

Yaanni Keessan Nuuf Galaadhaa

Hora Bulaa!!

Advertisements

🛫Kutaa5ffaa Imala Keessatti Soomuu.🌱 ~~~~~~““`~~~~~““`~~~~~~~“` 📚✏ Aa’ishaa irraa odeeffamee رضي الله عنها ni jette: Hamzaa bin Amr Al-Aslamiin Nabiyyiidhaanصلى الله اليه وسلم imala keessatti Nan Soomaa? Jedhe. Inni sooma baay’isa ture. Ni jedhaniin: “yoo feete soomi; yoo feetes faxari.” ✏Anas bin maalik irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Nabiyyii صلى الله اليه وسلم wajjiin imala baana turre. Namni soomu isa fure hin arrabsine; inni fures isa soomu hin arrabsine. 📖Waan hadiisicha irraa fudhatamu 1. Imala Keessatti namni fedhe soomuu ni danda’a namni fedhes hiikuu ni danda’a. 2. Dalagaa gaarii dirqama hin ta’in irraati hojjatamus dhiifamus wal tuquun hin ta’u. ✏Abuddardaa’i irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: ji’a Ramadaana keessa yeroo gubaa cimaa keessa Ergamaa Rabbii صلى الله اليه وسلم wajjiin baane jabina gubaa irraa hanga tokkoon keenya harka isaa mataa isaa irra kaa’atu geenye. Nu keessa namni soomu Ergamaa Rabbii صلى الله اليه وسلم fi Abdullaah bin Rawaahaa malee hin jiru ture. ✏Jaabir irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Ergamaan Rabbii صلى الله اليه وسلم imala keessa turan. Ummata walitti qabamee fi namicha irratti gaaddiddeeffame arganii kuni maali? Jedhan. Ni soomaara jedhameen. Imala Keessatti soomuun khayrii irraa miti” jedhan. ✏Gabaasa muslimiin immoo “laafina Rabbii ishee inni isiniif laaffise qabadhaa” jedhan. 📖waan hadiisota irraa fudhatamu. 1. Imala Keessatti soomuun ni eeyyamama 2. Laafina Rabbiin namaaf laaffise qabachuunis ni ta’a. 3. Yeroo gubaan cimuyyuu akkumaa Nabiyyii صلى الله اليه وسلم fi Abdullaah bin Rawaahaatti soomuun ni danda’ama. Garuu rakkoon humnaa ol yoo ta’e soomuun jibbamaa dha. ✏Anas bin maalik irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe: Nabiyyii صلى الله اليه وسلم wajjiin imala keessa turre. Nu keessa namni soomu ni jira; nurraas namni fure ni jira. Guyyaa gubaa keessa bakka ta’e qubanne. Nu keessa kan gaaddisa heddu qabu nama huccuu baay’eeti. Namni aduu harka isaatiin of irraa tiksu nu keessa ni jira. Ni jedhe: warri soomu ni kukkufan (cicciisan). Warri hiikan immoo ka’anii godoo (goojjoo) ijaaranii faradoo illee obaasan. Ergamaan Rabbii صلى الله اليه وسلم ni jedhan: “Har’a warri sooma furan mindaadhaan deemaniiru. ” 📖waan hadiisicha irraa fudhatamu 1. Obboleeyyan tajaajiluun mindaa guddaa qaba. 2. Sahaabota hiyyummaan isaanii jihaada irraa isaan hin dhorkine. 3. Islaamni dalagaa irrati kakaasa. Taatiyoo (hifaata) ni dhorka. Nama dalageef mindaa guddaa kan warra ibaadaatti cite caalu kennabarreedu. Warri islaamni hojiitti hin kakaasu jedhan maalummaa islaamaa hin barre jechuun kana irraa fudhatama. Kutaan 6ffaan itti fufa. Inshaa’Allah.

Keeyyata 51/5 fi 52/2(d)

Dubbii MIDROK!

Heerri biyya keenyaa qabeenya uumamaa irratti ifaadha.

Federaalli seera qabeenyi ittiin bulfamu baasa.

Kun keeyyata 51/5 jalatti tumame.

Naannoon ammoo seera federaalli baase irra dhaabbatuun qabeenya bulcha.

Kun keeyyata 52/2(d) jala jira. Bulchuu jechuun ammoo hayyama kennuu fi hayyama dhoowwatuu hammata.

Kanaafuu mootummaan federaalaa investimentii qabeenya uumamaa laallatu irratti hayyama kennuu ykn haaressuuf aangoo hin qabu. Tolus badus aangoon hayyamaa kan mootummaa naannooti.

Dubbiin Shaakkisoo heeraan laalamuu qaba. Akka heeraatti hayyama kennuun aangoo mootummaa Oromiyaati. Hayyami federaalatti kenname bu’aa seeraa hin qabu.

Yoo Oromiyaan hin fudhatin hayyamichi akka waan hin jirreeti. Kanaan dura heerri cabuun waa heddutu bade.

Hayyami MIDROK mataan isaa heeraa ala federaalaan kenname.

Amma akki kaleessaa hin hojjatu.

Hayyami MIDROK haaromuu fi haqamuu mootummaa Oromiyaatu murteessa.

Qaama biraa hin galchu.
Mootummaan Oromiyaa investmentii ni barbaada.

Wanti investimentii barbaannuf ammoo fedhii fi faayidaa ummata keenyaa dhugoomsu dha. Sanii achi kaayoon biraa hin jiru. Haga ani beekutti mootummaan naannoo keenyaa faallaa fedhii ummataa hin deemu.

Gaafii fi komii ummataa deebisuuf qophii dha! Kanaafuu ummati keenya aariin mormii kaasuu irra tasgabbaayee sirnaan gaafii isaa dhiyeeffatuu qaba.

Hardhi akka kaleessaa miti. Kaleessa qaama biraaf gaafii dhiyeessaa turre. Hardha garuu gaafataa fi gaafatamaan numa. Kanaafuu wal-dhageeffatuu qabna.

Wal afaan deebi’uun nuuf hin malu. Yoo bades yoo toles walumaan qoodanna. Kanaaf wal mormuu irra wal mari’atuu nuuf wayya.

Dubbii ija gatiitin yaa laallu. Kaleessa fi hardha wal-bira qabuu barbaachisa. Kanaan dura ENN otoo ummati kubbaa ilaaluu wal-dhaba Iluu Abbaabooritti uumame xooxessuun dhiyeesse.

Amma ammoo hayyami MIDRK haaromuu TV Qaanaa jedhamutu oduu ariifataa godhee dhiyeesse. Kun maaliif ta’e laata? Dhuguma rakkoon ummata keenyaa isaan marareetii? Abadan!Wal-afaan nu deebisuufi. Bilchinaan laaluu barbaachisa.

Faayidaan ummata keenyaa guututti kabajamuu qaba.

As irratti araarri hin jiru. Garuu wal-afaan deebi’uu hin qabnu. Waliin dubbataa kallattii nuuf tolutti deemuu qabna. Yoo waliif hin galin wahiin galuun hin jiru.

Horaa bulaa!

SEENAA FINFINNEE Dubbistee share gootu malee
hin dabrin.

Barreessitootaf galanni beekumsa
keechan haa ta’u!!!!!!! ………………………… Bara
1843 (ykn waggaa 160 duraa) Akkuma hedduun
keessan beektani, hawaasin warra Amaara Manz
jalqaba jaarraa 18ffaa tti babal’achuu jalqabee,
bara Sahle Sellassie, jechuun akaakayyu Menelik
mootummaa dhaabbate. Sahle Sillaseen
Motomaa Manzee ykn Shawaa dha bara 1813
amma 1847tti waggaa 34 bitee. Waggaa-
waggaatti si’a lama ykn sadii Oromoota ollaa
isaa turan weeraraa kan ture Sahle Sellaaseen,
akkuma bare bara 1843 keessa Finfinne weerare.
Namtichi Major W. C. Harris jedhamu, mootumaa
Inglizii irra Sahlee Sillaaseetti ergamee, baatii
18fi Sahle Sillaasie wajjiin yeroo turetti weerara
Sahle Sellaaseen Oromoo irratti geggeessaa ture
dukaa deeme argee, hubatee, macaafa “The
Highlands of Aethiopia (1844)”, jedhamu
barreesse. Harris macaafasaa keessatti kutaa
“Bobbaa boojii fi Saaminsaa (saamichaa)” jedhu
jalatti wa’ee Finfinne gabaabaatti akka armaa
gadii barreesse. “Loon dhibbaan lakkawwaman
marga lalise dheeda jiru. Tikeen saanii, balaa
itti dhufaa jiru hin beekne; hidhatani hin baane;
nagaan loonsaani tiksata jiru; inni kaani maasi-
isaa keessaa hoji-isaa hojjetataa jira; maatiin
isaanii weeddisaa mana bira dalagatu; aduu
dhihuuf deemti, laafaf mukni ifaa shee
gammaachuu gudaan waan calaqsani fakkaata.
Garuu osoo aduun hin seenin, badii guddaan
biyya kanairra diriisuuf, warri akka bineesaa
nama nyaatani kumaataman itti dhangala’a jiru.”
“Sahle Sillaaseen… … “nafis abbaattiisaatiin”
yeroo gabaabaaf erga mar’atee booda, gara
waraanasa isaatti galagalee, “Waaqin abbootii
keenya, nu ha jabeessu!” jedhee ibidda fi
meesha waraanaan akka Oromo irratti bobba’an
ajaje.” “Warranni Amaaraa, otoo Oromoon
hinbekini akka galaanaa mandaroota Oromoo
irra dhangala’e. Oromoota lubbusaanii baasuuf
baqatan ari’aa, midhaan ga’ee ala jiru
barbadeessaa, loon ala dheedaa jiru ooffachaa
biyyaa Oromoo balleessuu eegalan. Ibiddi isaan
mana fi qabeenya naannoo weeraran kanatti
qabsiisanii fagoo dhaa mul’ata. Aarri manaaf
midhaan gubatu gama-gamatti lafaaf waaqa
dukaneessa jira.” Akkasittii biyaa baleessaa,
warrani Amaraa gara Finfinne dhangala’e” jedha
Harris. Kanatti fufee Harris akkana jedhee
kataba: “Sahle Sillaaseen tarkaanfii waraanni isa
fudhachaa jiru ilaalee, fuulli isaa gammachuun
ife. Ni boone. Warraan Amaraa Finfinni … kan
qoonnaa midhaanitiin miidhagdee, mandaroota
ho’oo kan qabdu, uumaan kan bareedina
badhaasetti bahan. Dirree magarsuunshe nama
dinqisiisu, burqaaleen bishaanshee calaqqisan,
mukoota gaaddisa kennaniin kan guutte, yeroo
dheeraaf warra Habashaan hin weeraramin
turte.” Egaa warri Finfinne dha dinni nutti dhufa
jedhani hin yaadne ture jechuu dha. Harris
dabale wa’ee kanaa akkana jedha: “Sabin lafa
sana qubate jiru, qabbenyasaa gatee lubbusaa
baasuuf Inxooxxootti baqachuufilee yeroo hin
argatne. … Waraana Amaaraa bosona hunda
keessa baqattoota adamsaa, ijoollee fi
dubartoota bakka dhokatanii harkisanii qabaa,
manguddoo fi dargaggoo osoo hin jedhin, dirree
fi bosona keessatti ajjeesaa, qaama-isaanii
irraa muratani; biyya erga samanii booda ibidda
itti qabsiisani. … Hoorii hunda walitti qabanii
ooffatani. Oromotaa marsanii waraanani. Qe’ee
fi bakken reeffaa Oromoon guutame. Kannen
baqatanii dirreetti bahan akka bineensaa
adamfmanii ajjeefamani; ijoollee umuriin baraa
sadi’i fi afurii, kan aayyoo fi aabboon damee
muka keessa dhoksan, muka irraa buusani akka
oolaa qalanini, ykn achumatti rasaasan
ajjeesanini. Sa’ati lama keessatti waraanni
Amaraa kun lagaa fi dirree Finfinne irra reeffa
Oromoo afee, shamarran fi ijoollee qaamin irraa
murame iyyisiisaa, “faacha” reeffarraa murate
qabatee Finfine keessaa bahe.” Harris yeroo
ittuma fufee katabu akana ibsa, “… Sirni warra
Habashaa, ummata itti duulan dagachiisanii
wareersuu, ajjeessuu fi qaluu irratti hundaa’e.
Sirna waraanaa irratti waan hundeefame miti”…
Erga Finfinne saamee barbadeessee booda,
waraanni Sahle Sellaasee Oromoo Yakkaa
samuutti dabre. Garuu Oromoni Yakkaa dinni
akka itti dhuula jiru hinbekne ture. Harris, itti
fufee, akkas jedhee “Humni waraana Amaaraa
faffaca’ee Oromo saama, biyya gubaa ture,
kabaroo rukutamuun waamamee, loonni fi
qabbenya saame, dubartoota fi shamarran
booji’e, akkasumasi qaama kanneen ajjeese
irraa murate qabatee … walitti qabame.
Ajjeechaa hamma hin jedhamnetu raawwatame.
Reeffii ijoollee fi maanguddoo biyya guute;
‘nafsa gadaayonni’, qaanii malee, saalfii tokko
malee dhaadachaa mootiisaanii wajjiin ni sirban,
ni gammadan. …” “Yeroo gabaabaaf erga
boqotanii booda biyya Ekkaa [Yakkaa] Oromoo,
kan duraan barbadeessanii dabran keessa,
bobbaasaanii itti fufan. … Sa’aa 14 farda fi
gaangoon gara maaylii 50 erga deemanii booda
waraanichi boqotuuf dachaa Yakkaa keessa
buufate… Fardi fi gaangoon hiikaman midhaan
ga’ee ala dhaabbatu keessa gad-dhiifaman. Loon
kuma hedduun lakkaawwamu, karaa dheeraa
oofamee kan dhufe …walitti qabanii erga iddoo
tokkotti itisani booda … Sahle Silaaseen
gammachuu guddaan halkan sanaf bakkaa bulu
qabate. …” Wa’ee lafa bulti waraana Amaraa
yaggu katabu Harris akkana jedha: Sagaleen lafa
bultii isaaniti halkan gutu dhaga’amu waan
raajitti: Karaa tokko sagalee loon Oromoo
goolamee, iyyaaf booyicha durbaa fi dubartii
Oromoo booji’aan itti roorrisaa jiruu yaggu ta’u;
kara gara biraa moo kanatti makamee kan
gurraa nama dhuuchu, abidda marsee, fooni
dheedhi hoori saame nyaachaa “fukkaraa” fi
“qarartoo” waraani Amaaraa godhaa bulee dha.
Sagalee kanatti dabalame hirriba kan nama
dhorgu, abidda gamaaf gamatti mandaroota
Oromootti gubaa jiru halkan gutuu biyya akka
gucaa ibsaa bulusaati jedha. Mee boo’icha
Oromoo saamama jiruu fi sagalee Amaaraa
injifannoo argatee gammadda jiru kana ijaa
sammuu keessaniin ilaaluu yaalaa: Akka Harris
himutti, Sahlee Sillaaseen, waggaa 40 mo’e
keessatti, yeroo 84 Oromoota naannoo isaa
turan weerare. Kun Finfinne qoofaa keessatti
ta’e miti; Sahle Sillaasee qofaanis hin
godhamne.Oromiyaa keessatti yerooo dheeraaf
bakka meeqaf meeqatti Sahle Sillaasee
boodallee godhamee jira. Dabaree II: Giddu
Galeessa bara 1880 titti Finfinnen Amaaraan
Qabamuu Waggaa 40 caalaa Saahile Sillaaseen
Oromoo sama turee bara 1847 keessa ni du’e.
Achii booda kan ilma isaa kan Hayilee Melekot
tu itti aane. Innis Oromoo hadamsee samuu itti
fufe..Garuu bara dheera hin jiraanne. Bara 1855
ni du’e. Waggaa kudhan booddee ilmi isaa
Minilik nugusa shawwaa ta’e. Saahile Sillaaseen
deebi’e deddeebi’e Ormoo ha wareeru malee,
biyya Oromoo qabachuus ta’e keessa turuu hin
dandeenye. Qawwee Oromoon hinqabane haa
qabatuu malee, Oromoo mo’ee of jallatti bulchuu
hindandenyee. Eega kan Saahile Sillaaseen
dadhabe Miniliki raawwachuu danda’e. Oromoo
weraree saamuu qofaa utuu hinta’in, biyya
Oromoo koloneefachuu danda’e. Oromiyaatti
mootumaa isa babaldhisaa, Minilik jalqaba bara
1881 dhufee qarree Inxooxxoo irratti teessoo
ijaarate. Achi qubachuunsaa lammii Oromoo kan
humna Amaraan hin cabin naannoo sana waan
jiraniif loltuu isaanirraa of eeguuf ture. Hata’u
malee gargaarsa ganntuu lammi kan akka
Goobanaa qabatee wagga yartu booda Oromota
nannoo Finfinne mo’u danda’e. Egaa kana
booda, Minilik Inxooxxoo dha gad bu’e magaalaa
isaa Finfinne irratti ijaarachuu kan danda’e. Lafa
Oromoo balabatoota Habashaa fi loltuu isaaf
hiree, bara baraan magaalaan babal’achaa
dhuffe.

 

Ilmaan Oromoo kan kumaatamaan
lakkaawaman qe’ee isaaniiti akka buqa’an
godhaman. Lammiin Oromooo qe’ee isaaniitii
buqa’an hedduun gara kibba deeman. Kaan gara
lixaatti godaanan. HIN FIXNE.
viv firoomsiis AHAMA

“AMAJAAJA HAMAA..!!”
Dhiisi yaa jaldo, siif jala karkarroo,
Adab yaa qalamee, taa’i tuqa korro,
Kitti atiis dhiddee, naamus yaa shimbirroo,
Midhaan ijoo mara keessaa guurtan qaroo,
Ani dadhabadhee nat cimsitan roorroo,
Hin barbaadu gaa ani yoomuu hattu firo,
Amajaaja hamaa….
Na dirtan kalaadaan na baaftan afkarroo,
Ammaan si bobbaasa ani huma qeerroo.
Yaa diinota hamaa kan ooyruu na deeyse,
Waaniin facaafadhe warra na hoongeeyse,
Gariin gara nyaataa kaan ciree balleessaa,
Dullaakoo dhaw godhaa wacaafaas furrisaa,
Moggaa ooyruu bahee ibiddaas bukkisaa,
Ture hanga arraa ifirraa hayyisaa.
Amma booda anis mala biraan baasaa,
Garii isaaniitiif sareedhaan horsiisaa,
Jara kaaniif ammoo hillimaaf furgisa,
Qadhabaa gaariin tolcheefii qopheessaa,
Bitaa mirgaan irra raphaasaan tarrisaa,
Gariif boolla fagoon qotee gad fageessaa,
Waccee finxa qareen gadi suuqa keessa,
Citaa sanbaleexaan gubbarra bal’isaa.
Kallattii boollaatiinin ijaara niin qooysaa,
Fiigaa dhufa innuu anfariiraan bineensaa,
Hunxuxa ijaaraa seenuuf naqata mataasaa,
Waa nyaachuuf ja’eet boollatti if kuchiisaa,
Hoggaas aniis dhaqeen keessatti ajjeessa,
Akkasittiin jara kana ifirraa gabaabsaa,
Kana malli garaa koo naaf qabbaneessaa,
Amajaaja hamaas kan narraa fageessaa.