SEENAA FINFINNEE Dubbistee share gootu malee
hin dabrin.

Barreessitootaf galanni beekumsa
keechan haa ta’u!!!!!!! ………………………… Bara
1843 (ykn waggaa 160 duraa) Akkuma hedduun
keessan beektani, hawaasin warra Amaara Manz
jalqaba jaarraa 18ffaa tti babal’achuu jalqabee,
bara Sahle Sellassie, jechuun akaakayyu Menelik
mootummaa dhaabbate. Sahle Sillaseen
Motomaa Manzee ykn Shawaa dha bara 1813
amma 1847tti waggaa 34 bitee. Waggaa-
waggaatti si’a lama ykn sadii Oromoota ollaa
isaa turan weeraraa kan ture Sahle Sellaaseen,
akkuma bare bara 1843 keessa Finfinne weerare.
Namtichi Major W. C. Harris jedhamu, mootumaa
Inglizii irra Sahlee Sillaaseetti ergamee, baatii
18fi Sahle Sillaasie wajjiin yeroo turetti weerara
Sahle Sellaaseen Oromoo irratti geggeessaa ture
dukaa deeme argee, hubatee, macaafa “The
Highlands of Aethiopia (1844)”, jedhamu
barreesse. Harris macaafasaa keessatti kutaa
“Bobbaa boojii fi Saaminsaa (saamichaa)” jedhu
jalatti wa’ee Finfinne gabaabaatti akka armaa
gadii barreesse. “Loon dhibbaan lakkawwaman
marga lalise dheeda jiru. Tikeen saanii, balaa
itti dhufaa jiru hin beekne; hidhatani hin baane;
nagaan loonsaani tiksata jiru; inni kaani maasi-
isaa keessaa hoji-isaa hojjetataa jira; maatiin
isaanii weeddisaa mana bira dalagatu; aduu
dhihuuf deemti, laafaf mukni ifaa shee
gammaachuu gudaan waan calaqsani fakkaata.
Garuu osoo aduun hin seenin, badii guddaan
biyya kanairra diriisuuf, warri akka bineesaa
nama nyaatani kumaataman itti dhangala’a jiru.”
“Sahle Sillaaseen… … “nafis abbaattiisaatiin”
yeroo gabaabaaf erga mar’atee booda, gara
waraanasa isaatti galagalee, “Waaqin abbootii
keenya, nu ha jabeessu!” jedhee ibidda fi
meesha waraanaan akka Oromo irratti bobba’an
ajaje.” “Warranni Amaaraa, otoo Oromoon
hinbekini akka galaanaa mandaroota Oromoo
irra dhangala’e. Oromoota lubbusaanii baasuuf
baqatan ari’aa, midhaan ga’ee ala jiru
barbadeessaa, loon ala dheedaa jiru ooffachaa
biyyaa Oromoo balleessuu eegalan. Ibiddi isaan
mana fi qabeenya naannoo weeraran kanatti
qabsiisanii fagoo dhaa mul’ata. Aarri manaaf
midhaan gubatu gama-gamatti lafaaf waaqa
dukaneessa jira.” Akkasittii biyaa baleessaa,
warrani Amaraa gara Finfinne dhangala’e” jedha
Harris. Kanatti fufee Harris akkana jedhee
kataba: “Sahle Sillaaseen tarkaanfii waraanni isa
fudhachaa jiru ilaalee, fuulli isaa gammachuun
ife. Ni boone. Warraan Amaraa Finfinni … kan
qoonnaa midhaanitiin miidhagdee, mandaroota
ho’oo kan qabdu, uumaan kan bareedina
badhaasetti bahan. Dirree magarsuunshe nama
dinqisiisu, burqaaleen bishaanshee calaqqisan,
mukoota gaaddisa kennaniin kan guutte, yeroo
dheeraaf warra Habashaan hin weeraramin
turte.” Egaa warri Finfinne dha dinni nutti dhufa
jedhani hin yaadne ture jechuu dha. Harris
dabale wa’ee kanaa akkana jedha: “Sabin lafa
sana qubate jiru, qabbenyasaa gatee lubbusaa
baasuuf Inxooxxootti baqachuufilee yeroo hin
argatne. … Waraana Amaaraa bosona hunda
keessa baqattoota adamsaa, ijoollee fi
dubartoota bakka dhokatanii harkisanii qabaa,
manguddoo fi dargaggoo osoo hin jedhin, dirree
fi bosona keessatti ajjeesaa, qaama-isaanii
irraa muratani; biyya erga samanii booda ibidda
itti qabsiisani. … Hoorii hunda walitti qabanii
ooffatani. Oromotaa marsanii waraanani. Qe’ee
fi bakken reeffaa Oromoon guutame. Kannen
baqatanii dirreetti bahan akka bineensaa
adamfmanii ajjeefamani; ijoollee umuriin baraa
sadi’i fi afurii, kan aayyoo fi aabboon damee
muka keessa dhoksan, muka irraa buusani akka
oolaa qalanini, ykn achumatti rasaasan
ajjeesanini. Sa’ati lama keessatti waraanni
Amaraa kun lagaa fi dirree Finfinne irra reeffa
Oromoo afee, shamarran fi ijoollee qaamin irraa
murame iyyisiisaa, “faacha” reeffarraa murate
qabatee Finfine keessaa bahe.” Harris yeroo
ittuma fufee katabu akana ibsa, “… Sirni warra
Habashaa, ummata itti duulan dagachiisanii
wareersuu, ajjeessuu fi qaluu irratti hundaa’e.
Sirna waraanaa irratti waan hundeefame miti”…
Erga Finfinne saamee barbadeessee booda,
waraanni Sahle Sellaasee Oromoo Yakkaa
samuutti dabre. Garuu Oromoni Yakkaa dinni
akka itti dhuula jiru hinbekne ture. Harris, itti
fufee, akkas jedhee “Humni waraana Amaaraa
faffaca’ee Oromo saama, biyya gubaa ture,
kabaroo rukutamuun waamamee, loonni fi
qabbenya saame, dubartoota fi shamarran
booji’e, akkasumasi qaama kanneen ajjeese
irraa murate qabatee … walitti qabame.
Ajjeechaa hamma hin jedhamnetu raawwatame.
Reeffii ijoollee fi maanguddoo biyya guute;
‘nafsa gadaayonni’, qaanii malee, saalfii tokko
malee dhaadachaa mootiisaanii wajjiin ni sirban,
ni gammadan. …” “Yeroo gabaabaaf erga
boqotanii booda biyya Ekkaa [Yakkaa] Oromoo,
kan duraan barbadeessanii dabran keessa,
bobbaasaanii itti fufan. … Sa’aa 14 farda fi
gaangoon gara maaylii 50 erga deemanii booda
waraanichi boqotuuf dachaa Yakkaa keessa
buufate… Fardi fi gaangoon hiikaman midhaan
ga’ee ala dhaabbatu keessa gad-dhiifaman. Loon
kuma hedduun lakkaawwamu, karaa dheeraa
oofamee kan dhufe …walitti qabanii erga iddoo
tokkotti itisani booda … Sahle Silaaseen
gammachuu guddaan halkan sanaf bakkaa bulu
qabate. …” Wa’ee lafa bulti waraana Amaraa
yaggu katabu Harris akkana jedha: Sagaleen lafa
bultii isaaniti halkan gutu dhaga’amu waan
raajitti: Karaa tokko sagalee loon Oromoo
goolamee, iyyaaf booyicha durbaa fi dubartii
Oromoo booji’aan itti roorrisaa jiruu yaggu ta’u;
kara gara biraa moo kanatti makamee kan
gurraa nama dhuuchu, abidda marsee, fooni
dheedhi hoori saame nyaachaa “fukkaraa” fi
“qarartoo” waraani Amaaraa godhaa bulee dha.
Sagalee kanatti dabalame hirriba kan nama
dhorgu, abidda gamaaf gamatti mandaroota
Oromootti gubaa jiru halkan gutuu biyya akka
gucaa ibsaa bulusaati jedha. Mee boo’icha
Oromoo saamama jiruu fi sagalee Amaaraa
injifannoo argatee gammadda jiru kana ijaa
sammuu keessaniin ilaaluu yaalaa: Akka Harris
himutti, Sahlee Sillaaseen, waggaa 40 mo’e
keessatti, yeroo 84 Oromoota naannoo isaa
turan weerare. Kun Finfinne qoofaa keessatti
ta’e miti; Sahle Sillaasee qofaanis hin
godhamne.Oromiyaa keessatti yerooo dheeraaf
bakka meeqaf meeqatti Sahle Sillaasee
boodallee godhamee jira. Dabaree II: Giddu
Galeessa bara 1880 titti Finfinnen Amaaraan
Qabamuu Waggaa 40 caalaa Saahile Sillaaseen
Oromoo sama turee bara 1847 keessa ni du’e.
Achii booda kan ilma isaa kan Hayilee Melekot
tu itti aane. Innis Oromoo hadamsee samuu itti
fufe..Garuu bara dheera hin jiraanne. Bara 1855
ni du’e. Waggaa kudhan booddee ilmi isaa
Minilik nugusa shawwaa ta’e. Saahile Sillaaseen
deebi’e deddeebi’e Ormoo ha wareeru malee,
biyya Oromoo qabachuus ta’e keessa turuu hin
dandeenye. Qawwee Oromoon hinqabane haa
qabatuu malee, Oromoo mo’ee of jallatti bulchuu
hindandenyee. Eega kan Saahile Sillaaseen
dadhabe Miniliki raawwachuu danda’e. Oromoo
weraree saamuu qofaa utuu hinta’in, biyya
Oromoo koloneefachuu danda’e. Oromiyaatti
mootumaa isa babaldhisaa, Minilik jalqaba bara
1881 dhufee qarree Inxooxxoo irratti teessoo
ijaarate. Achi qubachuunsaa lammii Oromoo kan
humna Amaraan hin cabin naannoo sana waan
jiraniif loltuu isaanirraa of eeguuf ture. Hata’u
malee gargaarsa ganntuu lammi kan akka
Goobanaa qabatee wagga yartu booda Oromota
nannoo Finfinne mo’u danda’e. Egaa kana
booda, Minilik Inxooxxoo dha gad bu’e magaalaa
isaa Finfinne irratti ijaarachuu kan danda’e. Lafa
Oromoo balabatoota Habashaa fi loltuu isaaf
hiree, bara baraan magaalaan babal’achaa
dhuffe.

 

Ilmaan Oromoo kan kumaatamaan
lakkaawaman qe’ee isaaniiti akka buqa’an
godhaman. Lammiin Oromooo qe’ee isaaniitii
buqa’an hedduun gara kibba deeman. Kaan gara
lixaatti godaanan. HIN FIXNE.
viv firoomsiis AHAMA

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s