๐Ÿ›ซKutaa5ffaa Imala Keessatti Soomuu.๐ŸŒฑ ~~~~~~““`~~~~~““`~~~~~~~“` ๐Ÿ“šโœ Aa’ishaa irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ุง ni jette: Hamzaa bin Amr Al-Aslamiin Nabiyyiidhaanุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… imala keessatti Nan Soomaa? Jedhe. Inni sooma baay’isa ture. Ni jedhaniin: “yoo feete soomi; yoo feetes faxari.” โœAnas bin maalik irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Nabiyyii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… wajjiin imala baana turre. Namni soomu isa fure hin arrabsine; inni fures isa soomu hin arrabsine. ๐Ÿ“–Waan hadiisicha irraa fudhatamu 1. Imala Keessatti namni fedhe soomuu ni danda’a namni fedhes hiikuu ni danda’a. 2. Dalagaa gaarii dirqama hin ta’in irraati hojjatamus dhiifamus wal tuquun hin ta’u. โœAbuddardaa’i irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: ji’a Ramadaana keessa yeroo gubaa cimaa keessa Ergamaa Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… wajjiin baane jabina gubaa irraa hanga tokkoon keenya harka isaa mataa isaa irra kaa’atu geenye. Nu keessa namni soomu Ergamaa Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… fi Abdullaah bin Rawaahaa malee hin jiru ture. โœJaabir irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Ergamaan Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… imala keessa turan. Ummata walitti qabamee fi namicha irratti gaaddiddeeffame arganii kuni maali? Jedhan. Ni soomaara jedhameen. Imala Keessatti soomuun khayrii irraa miti” jedhan. โœGabaasa muslimiin immoo “laafina Rabbii ishee inni isiniif laaffise qabadhaa” jedhan. ๐Ÿ“–waan hadiisota irraa fudhatamu. 1. Imala Keessatti soomuun ni eeyyamama 2. Laafina Rabbiin namaaf laaffise qabachuunis ni ta’a. 3. Yeroo gubaan cimuyyuu akkumaa Nabiyyii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… fi Abdullaah bin Rawaahaatti soomuun ni danda’ama. Garuu rakkoon humnaa ol yoo ta’e soomuun jibbamaa dha. โœAnas bin maalik irraa odeeffamee ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ni jedhe: Nabiyyii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… wajjiin imala keessa turre. Nu keessa namni soomu ni jira; nurraas namni fure ni jira. Guyyaa gubaa keessa bakka ta’e qubanne. Nu keessa kan gaaddisa heddu qabu nama huccuu baay’eeti. Namni aduu harka isaatiin of irraa tiksu nu keessa ni jira. Ni jedhe: warri soomu ni kukkufan (cicciisan). Warri hiikan immoo ka’anii godoo (goojjoo) ijaaranii faradoo illee obaasan. Ergamaan Rabbii ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุงู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ni jedhan: “Har’a warri sooma furan mindaadhaan deemaniiru. ” ๐Ÿ“–waan hadiisicha irraa fudhatamu 1. Obboleeyyan tajaajiluun mindaa guddaa qaba. 2. Sahaabota hiyyummaan isaanii jihaada irraa isaan hin dhorkine. 3. Islaamni dalagaa irrati kakaasa. Taatiyoo (hifaata) ni dhorka. Nama dalageef mindaa guddaa kan warra ibaadaatti cite caalu kennabarreedu. Warri islaamni hojiitti hin kakaasu jedhan maalummaa islaamaa hin barre jechuun kana irraa fudhatama. Kutaan 6ffaan itti fufa. Inshaa’Allah.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s